Jimmaa Abbaa Jifaar/ጅማ አባጅፋር እ/ኳ ክለብ
3.77K subscribers
4.52K photos
179 videos
30 files
326 links
🔱 ይህ የጅፋራውያኑ ገፅ ነው 🔱

ቻናላችን ጅማ አባጅፋር ቢሆንም የሁሉንም ክለቦች ስፖርታዊ ወሬዎች ያለ አድሎ በተቻለን አቅም ለማቅረብ እንሞክራለን
ትክክለኛው የክለባችን ቻናል ይህ ነው

https://t.iss.one/joinchat/AAAAAERrKdmIIzfTOBhpnA

Admin @jiffarBot

https://www.facebook.com/jimaAbaajifar/
Download Telegram
#Odeeffannoo muraasa waa'ee garee morkataa keenya Chaampiyoonsiliigii.

👉Maqaa Guutuu Association Sportive d'Ali Sabieh ykn ASAS Djibuty Telecom jedhamuun waamama.
👉Jibuutii bakka Sabeh jedhamutti argama.
👉maqaan istaadiyoomichaa Stade Du Vulle
👉istaadiyoomichi hanga nama 10,000 qabachuu danda'a.

#Gareen kun yeroo ammaa kana waldorgommii 3 iraatti kan hirmaataa jiru yoo ta'u, 2 piriimeerliigii jibuutii fi Chaampiyoonsiliigii biyya Arabaa ti 3ffaan garee keenya waliin kan tapahatan tapha chaampiyoonsiliigii Afrikaa ti. Piriimeerliigii jibuutii garee 10 wal dorgomaa jiran kanaan shaampiyoonaa bara darbee kan ture gareen kun yeroo ammaa tapha 2 taphateen lamaanuu 1 walqixa bahuun qabxii 2 sadarkaa 3ffaa irratti argama.

#Gareen kun waggaa 6 walitti aansuun piriimeerliigii jibuutii kan moo'e, waliigala piriimeerliigii jibuutii yeroo 7 fudhachuun, 3 ammoo tapha kuffisanii darbuun kan mo'ate garee cimaa biyya sanaa yoo ta'u garee keenya Jimmaattis ni ulfaata jedhamee tilmaamama. Haa ta'u malee bara 2018/19 qabxii chaampiyoosiliigii Arabaatiin galmeessaa jiru garee kun dadhabina cimaa akka qabus agarsiisa.

#Haaluma kanaan tapha chaampiyoonsiliigii Arabaa 5 darban keessaa 1 mo'atee, 1 qixa bahee, 3 moo'amee gooliin 21 itti galuun, isaan garuu goolii 4 qofaa galchaniiru. Kunis garee kun dadgabina hangam akka qabu hubachuun danda'ama. Tapha 5 taphate kanneen keessaallee tapha tokkoo dirree isaa irratti kan 7:0 moo'ame illee ni jira.

#Yeroo itti aanutti odeeffannoo waa'ee taphattootaa fi ogummaa teeknikaa leenjisaa isaanii qabadheen dhiyaadha.

#Galatoomaa.
😎Shallamaa

#Kabajaa fi Carraa gaarii Jimmaaf.
🙏🙏🙏🙏🙏🙏🙏🙏🙏🙏🙏🙏🙏🙏🙏
#Odeeffanoo muraasa waa'ee garee morkataa keenya chaampiyoonsiliigii Alhali

👉 Maqaa Guutuun Aljaly sport club jedhamuun waamama.
👉Gibtsii/Missir Kaayirootti argama.
👉Maqaan istaadiyoomii, Istaadiyoomii internaashinaala Kaayiroo jedhama.
👉Istaadiyoomichi hanga nama 75,000 qabachuu danda'a.
👉Barri humdeeffa isaa bara 1907 A L H (waggaa 111 jechuu dha)


#Dorgommiiwwan afrikaa fi biyya Gibtsii keessatti qophaa'an irratti garee kamuu caalaa yeroo 86 geeba kaaseera, tapha chaampiyoomsiliigi afrikaa yeroo 8 geeba kaaseera(rikoordii qabatee jira). Tapha mootii moototaan yeroo 6 geeba kaaseera(kanaanis rikoordii qabatee jira), geeba konfedereeshinii 1 fi waliigala akka addunyaatti yeroo 24 geeba kaasee jira.

#Gareen Alhali eega hundeeffamee kaasee gara sadarkaa diviziyoona gadi aanaatti kan hin kufne, akkasumaa addunyaa irratti garee Real Madrid(yeroo 25 geeba kan kaase) itti aanuun garee 2ffaa addunyaa irraa yeroo 24 geeba kaase ta'ee jira.

#Gareen beekamaan Alhali kun sadarkaa FIFA afrikaatti 1ffaa yoo ta'u, akka gareewwan addunyaatti ammaa sadarkaa 69ffaa irratti argama.

#Gareen Alhali dorgommii xumuraa chaampiyoonsiliigii afrikaa bara darbeen garee Aljeeriyaa Esperansi waliin dirree isaa fi dirree isaa ala taphateen moo'amuun geeba dhabee ture. Gareen shaampiyoonaa Gibtsii bara darbee Alhali kun piriimeerliigii biyyattii baranaa garee 18 qabu keessaa yeroo 10 taphatee qabxii 20 argachuun sadarkaa 6ffaa irratti argama, gareen Zamalik ammoo yeroo 14 taphachuun qabxii 35 niim sadarkaa 1ffaa irratti argama.

##Alhaliim dorgommii geeba addunyaa bara 2006 gaggeeffameen sadarkaa 3ffaa xumuree jira.

#Garee kun waliigala taphattoota 39 kan qabu yoo ta'u, 15 taphattoota addunyaa keessa taphatan dha. Umuriin isaanii avereejiidhaan 26.9, akkasumaa taphattoonni biyya biraa 4 garee kana keessatti argamu.

#Bara darbe irraa kaasee yeroof garee kana leenjisaa kan jiru leenjisaa #Mohammed Yusuf jedhama.

#Waliigala gareen kun eega hundeeffamee kaasee yeroo 100 oliif geeba kaasuun beekkamtii qaba. Kanaafi gareen kun Cimaa dha kan jedhamus.

#Gareen keenya Jimmaa Abbaajifaar yeroo jalqabaaf dorgommii kana dorgomaa ta'us, Qormaata guddaa isa eeggatu kana dandeettii taphattootaa fi leenjisaa keenyaan akkasumas gargaarsa deeggartoota keenyaan moonee cimina keenya ni agarsiisna jennee abdanna.

#Yeroo itti aanutti waa'ee taphattoota isaanii fi ogumaa teeknikaa leenjisaa isaanii qabadheen dhiyaadha ammaaf xumure.

👱‍♂#Shallama_TN

#Carraa gaarii #Ijoollee_Abbaajifaariif !!
🙏🙏🙏🙏🙏🙏🙏🙏🙏🙏🙏🙏🙏🙏🙏
#Federeeshinichi ammas Garee Jimmaa irratti Dhiibbaa geessisaa jira.

#Gareen keenya guyyaa Wiixataa biyya morookoo irraa dhufee gaafa Roobii tapha piriimeerliigii itoophiyaa torbee 12ffaan akka taphatu nutti murteessan, guyyaa tokkollee nuu dabalaa jennaan Kamisa akka taphannu ta'e.
#Tapha piriimeerliigii 13ffaan ammoo kunoo Kamisa taphannee Sanbata Guddaa ammoo gara fi finfinnee deemuun garee Buna itoophiyaa wajjin akka taphannu nutti murteessani, Lakki hin dandeenyu guyyaa tokko nuu dabalaa jennee iyyannus Iyyannoo garee Jimmaa Abbaajifaar kuffisuu kan bare federeeshinichi iyyata keenya kuffisuun sanbata guddaa akka taphannu nutti murteessanii jiru.

#Waan nama dhibu gareen Dicha Kamisa nu waliin taphate iyyata galfateen fudhatama argatee guyyaa tokko isaanii dabalamee Wiixata Garee Bahirdar waliin taphatu.

#Yeroo hundaa iyyata galfannee kan nu jalaa kuffisamu maaliifi ?
Haalli adeemsa hojichaa maali ?

#Kaaniif_fudhatamee_ keenya_ kan kuffisan_nuyi_osoo_hin_taane balleessaan_isaanuma.

#Taphattoonni keenyas akkuma isaanii nama dadhabbiin jira guyyaa tokko gudduutti akkamitti Jimmaa dhufee Finfinneetti taphachuun akka danda'amu tilmaamuun hin ulfaatu. Kan keenya garuu akkuma baratame kuffisuu qofa ta'ee jira.

#Hojii federeeshinii kanaa hundi keenya #share gochuun haa morminu, qaama olaana #Komishii_Ispoortii_itoophiyaatti haa iyyannu.
#Oduu Haaraa Deeggartoota garee Jimmaa Abbaajifaar hundaaf.

#Guyyaa har'aa hoteela Daggituutti walgahii baldhaa taasisnee deeggartoota irraa yaada ka'anii fi marii mata duree adda addaarratti mari'annee jirra.

#Gareen keenya deeggartoota 45,00 kan qabu ta'ee jira hanga amaatti, haa ta'u malee deeggartota 300 qofaatu walgahii har'aa irratti argamee jira. Haaluma kanaan hojii raawwachiistota deeggartootaa filannee turre garuu gubaa'ee guutuun waan hin argamneef filannoon sun haqamee jira.

#Yeroo biraa walgahii deeggartoota hundaa qabachuu danda'u gara fuulduraatti bakkaa fi sa'aatii isin beeksisuun hojii raawwaachiiftota deeggartootaa kan fillu ta'uu beektanii guyyaa isin waamnutti akka nuuf argamtan jechaa kabajaan isin waamnee jirra.

Galatoomaa.
#Gaddineerra.

#Obboleettii keenya Geeggartuu garee keenya Jimmaa Abbaajifaar #Fooziyaa balaa tasaatiin of biraa dhabnee jirra.

#Yeroo hundaa roobaa fi aduu osoo hin jedhiin garee keenya taphataa 12ffaa ta'uun bakka hundaa deemuun deeggartuu harka mirgaa garee keenyaa kan taate #Fooziyaa balaa tasaa diingataatiin du'aan boqottee jirti.

#Balaa kanaan gaddi guddaan nutti dhagahamee jira. Maatii fi firoottan akkasumas deggartoota Jimmaa Abbaajifaariif Jajjabina hawwina.

#Rabbiin lubbuu ishee Jannata nuuf haa jiraachisu.
Foorfeedhaan gareen walaita dicha qabxii 3 argatanii jiru.

🇪🇹#Tapha_Piriimeerliigii_Itoophiyaa_torbee_27ffaa_garee_Walaita_Dicha_gareen_keenyi_taphachuu dhabuun_foorfee argachuun_qabxi 3_argatanii_jiru.🇪🇹

#Garewn keenyi yeroo dhiyoo as rakkina maallaqaa fi waldhibdee taphattoota gidduutti tureen dorgommii kuffisanii darbuu irraa hafnee jirra, ammas lammaffaa tapha piriimeerliigii 26ffaa shaakala/qophii osoo hin hojjetiin hafuun foorfee 2ffaa garee walaita dichaaf laannee jirra.

#Yeroo ammaa kanatti rakkoon jiru furmaata argateera, tapha torbee 27ffaa Buna Itoophiyaa waliin kan taphannu ta'a


🙏Caraa gaarii garee keenya guddicha #Jimmaa_Abbaajifaariif🙏

#kana #cuqaasuun fuula telegram keenya miseensa ta'aa.
👉👉👉 @jimmaAbajiifar
👉👉👉 @jimmaAbajiifar
👉👉👉 @jimmaAbajiifar
👉👉👉 @jimmaAbajiifar
Jimmaa Abbaa Jifaar/ጅማ አባጅፋር እ/ኳ ክለብ
Photo
#Duula_Qulqullinaa_fi_Tola_Olltummaa_Jimmaatti.

#Yeroo Ammaa kana Addunyaa weeraree kan jiru dhukkubni #Vaayirasii_Coronaa_COVID-19 fi biyya keenya rakkoo/dhiphina guddaa keessa kan galchee jiru kana ofirraa ittisuuf Duula Qulqullinaa fi tola ooltummaa akka taasisnuuf hojiiiwwaan/Sagantaa musaasa baasuun magaala Jimma keessatti hojjetaa jirra. Kunis kan akka #Qulqullinaa, @Harka_Dhiqachiisuu, #Hubannoo dhukkuba kanaa uummataaf ibsuu, fi #kanneen dandeettii hin qabne/qaamaan dadhabaa taániif gargaarsa meeshaalee qulqullinaa tola olltummaan kan raabsinuuf taá.

#Sagantaa kana irratti #Deeggartoonni #Jimmaa_Abbaajifaar fi #taphattoonni akkasumas jimmaa keessa kan jiraattan hundi, #Jimmaa_Abbaa_Bunaa, #Qiddus_Goorgis, #Buna_Itoophiyaa fi
deeggartooonni garee biroo illee Waamicha keenya kana dhageessanii nu waliin Sangaltaa Duula Qulqullinaa fi Tola ooltummaa kana waliin harka wal qabannee akka hojjennu waamicha keenya isinii dhiyeessina.

#Sagantaa kana irratti hirmaachuu kan barbaaddan maatiwwan keenya saamunaa 1 bitachuu hin dandeenye akka gargaarruuf waan dandeettii keessanii qabattanii akka argamtan waamicha keenya kabajaa isinii dhiyeessina.

#Guyyaan Sagantaan kun gaggeeffamu yeroodhaaf #Kamisa, #Jimaata fi #Qidaamee hundi keessan akka hirmaattan waamamtanii jirtu.

#Sagantaa kana irratti hirmaachuu kan barbaaddan Hubannoo wal jijjiiruu fi marii wal mariiáchuudhaaf #Roobii Saáatii 7 Irratti Hoteela Aramayek itti wal haa agarru.

#Ergaan kun nama hundaa waliin akka gahuuf @share waliif godhaa.

Galatoomaaa.
Jimmaa Abbaa Jifaar/ጅማ አባጅፋር እ/ኳ ክለብ
Photo
#Kabajamoo Obbo Taha Keder Kantiibaa Magaalaa Jimmaa fi Hogganaa Boordii Jimmaa Abajfariif

#Obbo Taha, Kunoo erga Kantiibaa magaalaa keenyaa taatee dhuftee bodaa hojiiwwan misoomaa hin amanne hedduu hojjettee Magaalaa keenya jaallatamaa daandii jijjiiramaa guddaa agarsiisaa jirti.

#Nuti, Qeerroon Magaalaa Jimmaa guutuu fi deeggartoonni Kilabii Kubbaa Miilaa Jimmaa Abajfaar kabajamaa, yeroo hunda hojiiwwan misoomaa isin hojjachaa jirtan hunda keessatti cinaa keessan jirra.

#Kabajamoo Obbo Tahaa, magaalaa keenya Jimmaa keessatti kilabni guddaan tokko jira, kan hunda keenya, dargaggoota Magaalaa Jimmaa tokkoomsee, biyya keenya keessaas ta'e biyya alattis magaali keenya Jimmaa akka beekamtu godhe kun Har'a gadi bu'ee liigii gadii irratti hirmaachaa jira, isinii fi hoggansi boordii kilabii keenyaa kilabii keenya gargaaruuf waa hedduu hojjattanii Kilabicha hambisuuf yoo qabsooftan illee kilabni keenya ammas gara Liigii Tokkofatti gadi bu'eera.

#Obbo Taha, nuti deeggartoonni Jimmaa Abajfar carraa amaa argameetti fayyadamnee haala kilabii keenya keessa jiru sirraa’ee kilabii keenya kabajamaa Jimmaa Abajfaar kan Magaalaa keenya Yeroo kamiyyuu caalaa carraa argametti fayyadamuun kilabicha gara sadarkaa olaanaatti akka deebiftan isin gaafanna.
#Yeroo hunda injifannoo fi milkii bakka bu'aa tokkicha magaalaa keenyaa fi shaampiyoonaa Itoophiyaa Kilabii Kubbaa Miilaa Jimmaa Abajfar.

#Odeeffannoo kana akka nama hunda bira ga'uuf share godhaa!!!!!!!!!!!!!
6👍1
Jimmaa Abbaa Jifaar/ጅማ አባጅፋር እ/ኳ ክለብ
Photo
2. Hojjettoota leenjistoota kilabii keenyaa

#Yeroo gabaabaa keessatti kilabii keenya fudhatee dorgommii kana seene, yeroo gabaabaa keessatti taphattoota leenjisee, leenjisaa Ayinalem (Borena) kan dorgommii kana torbee tokko hin guunne keessatti xumure, leenjisaa kan qabu kilaboota adda addaa keessatti muuxannoo hedduu argateera, kilabii keenya gara sadarkaa olaanaatti deebisuuf hojii guddaa hojjechaa jira.
Tapha walduraa duubaa kana marsaa lammaffaa irratti cimsinee taphattoota kilabii keenya sirrii cimsan filachuu fi yeroo qophii gaarii taasisuun marsaa lammaffaa akka injifannu shakkina.

Leenjisaan goolii eegaa garee kanaa inni biraan goolii eegaa Jimmaa Ababuunu duraanii muuxannoo qabu #Gemchuu fi itti aanaa leenjisaa #Rooba Warku yoo ta'an, isaanis waliin hojjechaa kan jiran yoo ta'u taphattoonni Jimmaa duraanii kun hojii kilabii keenya gara sadarkaa olaanaatti deebisuuf hojjetamu keessatti qooda leencaa ni taphatu, kanaaf yeroo hunda cinaa isaa jirra.

3. Ciminaa fi hanqina dorgommii

Yeroo dorgommii kanaatti kilabni keenya gareewwan ciccimoo hedduu kan qabu yoo ta'u, isaan keessaa taphattoota bakka qilleensi fooyya'aa qabutti filatanii qopheessanii siree gaarii fi qulqulluu mijataa ta'e filatanii meeshaalee barbaachisoo ta'an hidhachiisuun taphaaf qophaa'u.

Gama biraatiin yeroo waldorgommii kanaatti dadhabina keenya keessaa tokko yeroo qophiin nuti qabnu daangeffame irraa kan ka'e taphattoonni kilabii keenyaan wal hin simne hedduun kilabii keenya keessatti argamuun bu'aa barbaanne argachuu akka hin dandeenye nu taasiseera yeroo dhiyootti deebii argachuu qaba

4. Dhumarratti

Kilabii keenya gara sadarkaa olaanaatti akka deebi'uuf ciminaan hojjachaa jirtan hunda galateeffanna.

Yeroo hunda kabajaa fi beekkamtii kilabii keenya Jimmaa Abajfaar
👍8