Jimmaa Abbaa Jifaar/ጅማ አባጅፋር እ/ኳ ክለብ
3.77K subscribers
4.52K photos
179 videos
30 files
326 links
🔱 ይህ የጅፋራውያኑ ገፅ ነው 🔱

ቻናላችን ጅማ አባጅፋር ቢሆንም የሁሉንም ክለቦች ስፖርታዊ ወሬዎች ያለ አድሎ በተቻለን አቅም ለማቅረብ እንሞክራለን
ትክክለኛው የክለባችን ቻናል ይህ ነው

https://t.iss.one/joinchat/AAAAAERrKdmIIzfTOBhpnA

Admin @jiffarBot

https://www.facebook.com/jimaAbaajifar/
Download Telegram
Jimmaa Abbaa Jifaar/ጅማ አባጅፋር እ/ኳ ክለብ
Photo
#Duula_Qulqullinaa_fi_Tola_Olltummaa_Jimmaatti.

#Yeroo Ammaa kana Addunyaa weeraree kan jiru dhukkubni #Vaayirasii_Coronaa_COVID-19 fi biyya keenya rakkoo/dhiphina guddaa keessa kan galchee jiru kana ofirraa ittisuuf Duula Qulqullinaa fi tola ooltummaa akka taasisnuuf hojiiiwwaan/Sagantaa musaasa baasuun magaala Jimma keessatti hojjetaa jirra. Kunis kan akka #Qulqullinaa, @Harka_Dhiqachiisuu, #Hubannoo dhukkuba kanaa uummataaf ibsuu, fi #kanneen dandeettii hin qabne/qaamaan dadhabaa taániif gargaarsa meeshaalee qulqullinaa tola olltummaan kan raabsinuuf taá.

#Sagantaa kana irratti #Deeggartoonni #Jimmaa_Abbaajifaar fi #taphattoonni akkasumas jimmaa keessa kan jiraattan hundi, #Jimmaa_Abbaa_Bunaa, #Qiddus_Goorgis, #Buna_Itoophiyaa fi
deeggartooonni garee biroo illee Waamicha keenya kana dhageessanii nu waliin Sangaltaa Duula Qulqullinaa fi Tola ooltummaa kana waliin harka wal qabannee akka hojjennu waamicha keenya isinii dhiyeessina.

#Sagantaa kana irratti hirmaachuu kan barbaaddan maatiwwan keenya saamunaa 1 bitachuu hin dandeenye akka gargaarruuf waan dandeettii keessanii qabattanii akka argamtan waamicha keenya kabajaa isinii dhiyeessina.

#Guyyaan Sagantaan kun gaggeeffamu yeroodhaaf #Kamisa, #Jimaata fi #Qidaamee hundi keessan akka hirmaattan waamamtanii jirtu.

#Sagantaa kana irratti hirmaachuu kan barbaaddan Hubannoo wal jijjiiruu fi marii wal mariiáchuudhaaf #Roobii Saáatii 7 Irratti Hoteela Aramayek itti wal haa agarru.

#Ergaan kun nama hundaa waliin akka gahuuf @share waliif godhaa.

Galatoomaaa.